Fana: At a Speed of Life!

ABUT weerara babal’isuun iyyuu itti fufeera-TKM

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – ABUT weerara isaa babal’isuun iyyuu isaa itti fufuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Ibse.

Tajaajilichi ibsa baaseen gareen ABUT waamicha nageenyaa cinaattin dhiisuun kallattii maraan ibiddaa tuqatee fi babal’isaa jiruun lammiilee nagaa ajjeessaa, ummataa buqqisaa, qabeenyaa mancaasaa jiraachuu himeera.

Tajaajilichi ibsa baaseen dirqamni gochaa biyya diiguu garee shororkeessaa ABUT dhaabuu mootummaa fi ummatarratti akka kufe eereera.

Sababni isaas, gareen shororkeessichaa nageenyaa akka hinbooressinee fi biyya akka hindiigneef ittisuun waan barbaachisuuf, ABUT deeggarsa namoomaa gara Tigiraayittti ergamu ummataa rakkate akka hingeenye gochuun, faallaa isaa waraanaaf akka oolu taasisaa jiraachuu, mootummaan deeggarsi ummata akka ga’uuf Tigiraayi keessatti haala mijataa uumuun rakkoo ummataa ittisuuf dirqama waan qabuuf ta’uu ibseera.

Akkasumas, kaayyoon ABUT ummata beelaan midhuuf murtessuu isaa kan agarsisuu yeroo waqtii Ganna eegee ummanni akka qotee nyaachuu hin dandeenyee gochuu yoo ta’u, mootummaan immoo ummataa beelaa irra tiksuuf dirqamaa qaba.

Motummaan Ityoophiyaa nageenyaa fi misoomaa biyya eegsiisuuf jecha humna ABUT irratti dhiibbaa taasisuu utuu qabanii ibsii “gama lameeniin” jedhamee baha jiru fudhatama hinqabu jedheera.

Haa ta’u malee, humna ABUT’f filmaata nageenyaa kennameef dhibuun waraanaatti galuu isaatiin, mootummaan immoo biyyi akka hindigamne humna Rayyaan Ittisaa keenyaan weeraaraa inni bane ofirraa qolachuuf ummata waliin qolachaa jiraa jedheera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.