Fana: At a Speed of Life!

ABUT Waraana dhaabee gara mariitti akka dhufuuf dhiibbaan akka taasifamu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – ABUT waraana eegale hatattamaan dhaabee gara marii nageenyaatti akka dhufuuf dhiibbaa haa uumnu jechuun Ministirri Ministeeraa Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay waamicha dhiyeessan.

Dhimmi Ummata Tigiraay Ittifufiinsaan kan furamu danda’u mari nageenyaa qofaan ta’uu ummnni tigiraay beeku akka qabu kan eeraan Dooktara Abrahaam, lammiilen tigiraay namoota kufaatiin siyaasa mudatee fi umrii aangoo isaanii dheereffachuu barbaadaniif jecha gara warana hiika hinqabneetti lubbuun isaanii wareegamu arguun kan namaa dhiiphisuu fi gaddisiisuudha jedhaniiru.

Filmaanni, filannoo nageenyaan ala jiraatu, jireenyaa fuulduree, qaamaa fi qabeenyaa kan dhabamsiisu, waraana yeroo darbe caalaa gara kufaatiitti kan geessuudha jedhaniiru.

Filmaanni waraanaa taajajiloota ummataa mootummaan walquunnamsiisan deebii akka argatan, deeggarsi namoomaa akka hingeenye taasisuu caalaa rakkooleen ummataa yeroo gabaabaa keessatti furmaataa akka hinarganne kan taasisuu ta’uu ibsaniiru.

Waaraanaa fi waareegama dabalataa malee karaa ammayyaa’aan garaagarummaa jiru mariidhaan furuun utuu danda’amuu, filmaanni rakkoo ummataa dheeressuu hinfilatamu eeru Dooktar Abirahaam.

Kanaaf, lammiileen Tigiraay haqa jiru hubachuun ABUT waraanaa eegale hatattamaan dhaabuun gara marii nageenyaatti akka dhufu dhiibbaa akka uuman waamichaa dhiyeessaniiru.

Keessumaa hayyoonni, diyaaspooraan, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaalee, aktiivistoonni, faaruun isaanii faaruu nageenyaa akka ta’uu fi waraanni dhaabbatee waamichi mootummaan marii nageenyaaf dhiyeesse akka dhugoomuuf dhiibbaa akka taasistaan gaafataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.