Fana: At a Speed of Life!

ABUT waraana banuun gateettii Ummata Tigraayiin umrii aangoo dheereffachuufi-Booji’amtoota

Finfinnee, Hagayya 30, 2014 (FBC) – Gareen Shororkeessaa ABUT filmaata nageenyaa dhiyaatee waraana banuun gateettii Ummata Tigiraayiin umrii aangoo isaa dheereffachuuf ta’uu addaa waranaa garaagaraatti Booji’amtoonni garichaa Raayyaa Ittisaa Biyyatti harka kennataan saaxilan.

Booji’amtooni akka jedhanitti ABUT daa’imman Tigiraay utuu hinhafne addaa waraanaatti hiriirsa jiraachuu ibsaniiru.

Booji’amtooni akka jedhanitti ABUT daa’imman Tigiraay utuu hinhafne addaa waraanaatti hiriirsa jiraachuu ibsaniiru.

Shororkeessa ABUT olola sobaan waraana ofii isaa baneef daraggoota Tigiraayiin hiriirsuun kaayyoo naannicha dhaloota malee hambisuu qabatee socho’aa jiru itti fufuu ibsan.

Kunis garechi amala baandummaa qabatamaan kan mirkaneesse ta’uu booji’amtoonni kunneen himaniiru.

Garechi daa’imman Tigiraay irratti dararaa raawwachaa jiru mormuun ololaan gowwoomfamanii waraana itti seenan keessaa bahuun Raayyaa Ittisa Biyyaatti harka kennachuu ibsaniiru.

Filmaanni nageenyaa irra deddeebin dhiyaatuufis waraana filachuun aangoorra turuuf Tigiraayitti balleessa kamiyyuu raawwachuuf duubatti akka hindeebine himaniiru.

“Olaantummaan Tigiraay kan mirkanaa’u awwala Ityoophiyaarratti” abjuu jedhuurraa ka’uun Ityoophiyaa diiguu fi ummata ishee facaasuun waraana irra deebiin banus, kaayyoo akkasumaanii garee shororkeessaaf hiriiruurra harka kennachuuf dirqamuu dubbataniiru.

Oduu sobaa fi olola garechaan gowwoomfamanii hiriiruun, balleessaa raawwataniif ummata Ityoophiyaa, Raayyaa Ittisaa fi qaamolee nageenyaa biroo dhiifama gaafatanii, dargaggoota kaayyoo ABUT gatii hinqabneef hiriiran, daandiin irraa imalaa jiran akka hinbaasnee hubatanii akka dammaqan booji’amtoonni waamichaa dhiyeessaniiru.

Raayyaan Ittisaa fi qaamoleen nageenyaa biroon simaannaa fi kunuunsa taasisaniif galata dhiyeessaniiru.

Waraanarraa kisaaraa malee bu’aan akka hinargamne kan ibsan booji’amtoonni, gareen shororkeessichaa irraa deebiin weerara bane balaaleffachuun gara nageenyaatti akka dhufu, ummanni, dargaggoonnii fi miseensonni human addaa dhiibbaa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.