Fana: At a Speed of Life!

ABUT saamichi raawwate akka yaaddesseen Ameerikaan ibsite

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) –Gareen ABUT Maqaleetti kan argamu mankuusaa Sagantaa Nyaataa Addunyaarratti raawwate akka yaaddesseen ibsite.

Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa baaseen, garee hidhataan kun guyyaa kaleessaa ganama Maqaleetti kan argamu mankuusaa dhaabbatichaa humnaan seenuun bootteewwan boba’aa 12 waliigalaan boba’a liitira kuma 570 saamuun Waashingitaniin akka yaaddesseen eerameera.

Oomishi boba’aa lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadanii fi hojii lubbuu baraarsaaf meeshaalee dhiyeessuuf barbaachisaa ta’uu ibsichaan eerameera.

Dhiyeessii deeggarsa namoomaa lammiileef taasifamuu ittisuuf gochaalee raawwataman kamiyyuu Ameerikaan akka balaaleffattu beeksisteetti.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.