Fana: At a Speed of Life!

ABUT naannoo Amaaraatti lammiilee nagaaratti ajjeechaa dabalatee yakkoota garaagaraa raawwachuu Amiinast Internaashinaal ibse

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraatti lammiilee nagaaratti ajjeechaa dabalatee yakkoota garaagaraa raawwachuu Amiinast Internaashinaal ibseera.
Garichi yakka ajjeechaa, dirqiin gudeeduu,qabeenya ummataa barbadeessuu fi saamicha lammiilee nagaarratti raawwachu dhaabbtichi gabaase har’a baaseen ibseera.
ABUT Cinaa fi Qobbootti gochaan sukkaneessaa lammiilee nagaarratti raawwachuu gabaasichi ifoomseera.
Garichi naannoo Amaaraa iddoolee garaagaraatti yakkoota waraanaa raawwachuu Amiinast Internaashinaalitti itti aantuun daayreektara Baha Afrikaa fi naannolee Haroowwan gurguddoo Saaraa Jaaksan ibsaniiru.
Garichi Hospitaala keessatti dabalatee yakka dirqiin gudeeduu, ajjeechaa jumlaa fi saamicha raawwachuu eeraniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.