Fana: At a Speed of Life!

ABUT naannoo Amaaraa fi Afaaritti bu’uuraalee misooma Elektirikaa Birrii biiliyoona 1.6tti tilmaamamu barbadeessuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Gareen Shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraa fi Afaaritti bu’uuraalee misooma Elektirikaa Birrii biiliyoona 1.6tti tilmaamamu barbadeessuu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksiise.
Garichi weerara naannolee lamaanitti gaggeesseen qabeenya ummataarra miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu Daayreektarri Kominikeeshinii Humna Elektirikii Ityoophiyaa Mogas Makonniin ibsaniiru.
Bu’uuraalee misoomaa kanneen deebisanii ijaaruuf tattaaffii taasiifameen iddooleen hedduun tajaajila Humna Elektirikaa irra deebiin argachuu isaaniin ibsaniiru.
Bu’uuraalee misoomaa kanneen guutumaan guutuutti suphuun bakka duraatti deebisuuf Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 23 kan barbaachisu ta’uu dubbataniiru.
Misikkir Sinaaffiqitu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.