Fana: At a Speed of Life!

ABUT marsaa 3ffaa dibbee waraanaa rukutaa jira-TKM

Finfinnee, Hagayya 14, 2014(FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT Deeggartoota isaa of faana hiriirsuun haldureewwan garaagaraa tarreessuun marsaa 3ffaa dibbee waraanaa rukutaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilichi, haala waliigalaa biyyattiirratti ibsa miidiyaaleef kenneera.

Ministirri Tajaajila Kominikeshinii Mootummaa Dooktar Laggaasaa Tulluu ibsa kennaniin, nageenyaa fi tasgabbii biyyattii mirkaneessuuf hojiilee hojjetamaniin bu’aalee jajjabeessoon galmaa’aa jiru.

Haaluma kanaan gurmaa’iinsa seeraan alaa, gareewwan shorkeessitootaa ABUT, Shanee fi Alshabaab walta’uun nageenyaa fi tasgabbii biyyattii booressuuf tattaffii taasisaa jiran qaamolee nageeyaan fashaala’aa jiraachuu ibsaniiru.

Tarkaanfiin qaamoleen nageenyaa fudhatan deeggarsa ummataan kan dabaalame ta’uun fudhataamummaa fi amantaa hawaasaa kan argateedha jedhaniiru.

Tarkaanfiin qaamolee nageenyaan fudhatamanis humnootaa shororkeessitootaa kan laamshessee fi diinota biyyatti kan naasise ta’uu dubbataniiru.

Kanaanis naannawaalee rakkoon nageenyaa tureetti nageenyi mirkanaa’aa akka jiru kaasaniiru.

Walitti bu’iinsa kutaa Kaabaan walqabatees, mootummaan adeemsa nageenya mirkaneessuu, deeggarsi namoomaa akka addan hincinne taasisaa akka jiru yaadachiisanii, yeroo ammaas adeemsa marii nageenyaa eegaluuf kutannoo qabaachuu fi qophii ta’uu ibsaniiru.

Adeemsi marii nageenyaas, marii siyaasaa fuulduratti gaggeeffamuuf bu’uuraa kan kaa’uudha jedhan.

ABUT marsaa 3ffaa waraanaa kakasaa jira kan jedhan Ministirichi, deeggartoota isaa of faana hiriirsuun haaldureewwan garaagaraa tarreessuun olola hafarsaa akka jiru ibsaniiru.

Walitti bu’iinsaa fi waraana malee akka jiraachuu hindandeenye amala ABUT ta’uu eeruun, ummata Tigiraayirratti dhiibbaa uumaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan filannoo nageenyaa kamiifiyyuu ejjennoo hinsochoonee kan qabu irra deddeebbiin ibsuu fi tarkaanfi dhukaasa dhaabuu dursee akka fudhate yaadachiisaniiru.

Ammas, marii nageenyaa kabajuun ummanni Tigiraay mootummaa cinaa dhaabbachuun gareechi gochaa waraanaa kakaasuu isaa irraa gara filmaata nageenyaatti akka dhufu akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Gama biraatiin, gaaffilee gurmaa’insaa naannolee garaagaratti ka’an ilaalchisuun ibsa kennaniin, gaaffileen ummatootaa kamiyyuu akkaata heeraatiin kan furamuudha jedhan.

Naannoo Sabaa fi Sablammootaa Ummattoota Kibbaatti gaaffileen naannoo ta’uu fayyadamummaa hawaasaa qixa mirkaneessuun adeemsa heeraa hordufuun, akkaataa hawaasa hirmaachiseen kan furamu ta’a jedhaniiru.

Adeemsa hanga ammaan gaaffichi Mana Maree Federeeshiniitiin fudhatama argachuun murteen ummataa akka gaggeefamu murtaa’uu himaniiru.

Obbolummaa fi sabdanessuummaan akka babal’atu mootummaan yoomiyyuu murtee ummataa akka kabaju ibsan.

Gaaffilee ummataa karaa nagaan deebi’uu utuu danda’uu qaamoleen gaaffilee ummattootaa da’eeffachuun sochii seeraan alaa gaggeessuuf tattaffatan gochaa isaaniirraa akka of qusatan hubachiisan.

Murtee bulchiinsa daangaa Magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee rakkoolee baroota dheeraa furuuf kan gageeffamee, qajeelfama kennanii fudhachuun kan raawwate, nageeyaa waaraa buusuuf bu’uuraa kan kaa’eedha ibsan.

Murtechis daldaltootaa walitti bu’iinsaa bu’uuraa kan dhabsiisee ta’uu himaniiru.

Waligaltechaan kallatti kaa’ame hojiirra oolchuuf qaamoleen hundinuu kutannoon hojjechuu qabu jedhan.

Kana malees raawwii damee dinagdee bara baajataa xumuramee fi guutiinsaa bishaani Hidhaa Haaromsaa Guddichaa Ityoophiyaa fi duula ashaaraa magariisaarratti ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin biyyattiin seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif daldala alaarraa Doolaara biiliyoona 10.3 argachuu eeran.

Bu’aa argame keessatti oomishi qonnaa gahee adda duree kan qabuudha jedhan.

Baraa baajatichaatti mootumman galii Birrii biiliyoona 336.7 walitti qabuu eeraniiru.

Naannoo Tigiraayiin dabalatee naannolee hundaatti yeroo ammaas hojiin oomishtumma qonnaa dabaluuf hojjetamaa jiran itti fufeera jedhanii, oyiruun qonnaa sanyiin uwwifamuu fi oomishtummaa qamadii dachaan dabaluufis kilaastaaraan oomishamaa akka jiru Ministirri Tajaajilichaa Dooktara Laggaasan himaniiru.

Guutiinsi bishaanii marsaa 3ffaa fi tarbaayiniin 2ffaan anniisaa maddisiisuu eegaluu Hidha Haaromsaa milkaa’ina biroo ta’uu ibsa isaaniin dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.