Fana: At a Speed of Life!

ABUT mana tokko keessatti namoota 10 ajjeese

Finfinnee, Hagayya 30, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT mana tokko keessatti namoota nagaa 10 gara jabinaan ajjeesuu ibsame.

Garechi Godinaa Waagimiraa Aanaa Saqoxaa bakkaa addaa Walahii jedhamutti namoota 10 gara jabinaan ajjeesuu bulchiinsi godina sablammiichaa beeksise.

Aadde Lemlem Adaane jiraattuu Walahii kan ta’an dhala isaanii guddisuuf, barsiisuu fi sadarkaa tokkorraan ga’uuf wayita tattaafataanitti garee shororkeessaa ABUT’n gara jabinaan ilmaan isaanii waliin ajjeeffamaniiru.

Kanneen ajjeefaman keessa 7 ilmaan Aadde Lemlemii fi 3 ammoo buqqaatota ta’uun beekameera.

Gareen ABUT filmaata nageenyaa diduun daa’immanii fi dubartootaa meeshaalee waraanaa guguddaan haleeluun ibsameera.

Gareen nageeyaarraa waraana filate ABUT lammiileen biyyattii nagaan akka hinjiraanne garee duguggaa sanyii raawwatu ta’uu kan argisiiseedha jedhamuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.