Fana: At a Speed of Life!

ABUT konkolaattoota jajjaboo Birrii miiliyoona 12tti tilmaamaman saame

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT konkolaattoota jajjaboo Birrii miiliyoona 12tti tilmaamaman meeshaalee deeggarsa hawaasa Laallibalaa fi naanniichaaf qaqqabsiisanii deebi’aa osoo jiranii saameera.

Namni dhuunfa abbaa qabeenyaa Obbo Gaashaaw Shuumiyyee kna jedhaman Mootummaan naannoo Amaaraa deeggarsichi hawaasa laallibalaa fi naanniichaaf akka qaqqabuu ajaja dabarseen dirqama isaanii raawwachuuf deeggarsicha qaqqabsiisuun wayita deebi’aniitti gareen kun dhukaasa cimaa banuun saamichaa raawwateera.

Gareen shororkeessaa ABUT konkolaattoota jajjaaboo afur irratti dhukaasaa banuun, konkolaataan fe’umsaa tokkoo hanga konkolaataa walharkisaa fi jijjiirra qaama konkaalattoota wal harkisoo sadii saameera.

Konkolaattoota jajjaaboo 3 ammoo gareen kun saamee miliquun isaa ibsameera.

Meeshaaleen samaamanii fi barbada’aan Birrii miiliyoona 12tti tilmaamamu jechuun abbaan qabeenyaa konkolaattoota kanneenii Obbo Gaashaaw Faanaa Broodkaasting Koorporeetitti himaniiru.

Miniychiil Azaazaawtu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.