Fana: At a Speed of Life!

ABUT humnoota federaalaawaa waliin hojjechaan jira jechuun hawaasa burjaajjessaa jira jedhe

Finfinnee, Fulbaana 16, 2013 (FBC) – ABUT humnoota federaalaawaa waliin hojjechaan jira jechuun hawaasa burjaajjessaa jira – Gamtaa Humnoota Federaalaawaa Ityoophiyaa
ABUT humnoota federaalaawaa waliin hojjechaan jira jechuun hawaasa burjaajjessaa jirachuu Gamtaa Humnoota Federaalaawaa Ityoophiyaa beeksise.
Qaamoleen humnoota federaalistiin walitti qabamne adeemsi ABUT waan nuuf hin mijanneef akka ugguramu taasisuun marii keenya Finfinneetti gaggeessaa jira jedheera ibsa Faanaa Biroodkaastiingii Koorporeetiingiif ergeen.
ABUT humnoota federaalistii fayyadamuun fedhii angoo isaa milkeessuf sochii taasisuu isaa ilaaleera jedha gamtichi.
Yeroo ammaa kana humnoota federaalistii waliin hojjechaa jira jechuun ummta Tigiraay dogoggorsiisuuf yaalaa jira jedheera.
Gamtichi ibsa isaan garee ajandaa biyyaa gadi ta’e qaban waliin gamtaa kamiyyuu akka hin qabne ummatni Ityoophiyaa akka beeku ni barbaanna jedheera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.