Fana: At a Speed of Life!

ABUT haleellaa eenyummaarratti bu’uurafatee fi gochoota sarbama mirga namoomaa biroo raawwateera – gabaasa KMN

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT haleellaa eenyummaarratti bu’uurafatee fi gochoota sarbama mirga namoomaa suukkaneessaa biroo raawwachuu gabaasni Komishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waloon baasan ibseera.

Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii haleellaa sarbama mirga namoomaa Kaaba Ityoophiyaatti raawwate jedhame ilaalchisee gabaasa qorannoo har’a ifoomsaniiru.

Onkololeessa 24, 2013 Humni addaa fi milishaan naannoo Tigraay Raayyaa Ittisaa Ajeja Kaabaarratti haleellaa raawwachuun mooraa waraanaa to’achuu gabaasichi ibseera.

Humni Addaa fi Milishaan naannichaa garee ‘Saamirii’ jedhamuun waamamu Maayikaadiraatti lammiilee 200 haala suukkaneessan ajjeesuu eereera.

Onkololeessa 30 fi Sadaasa 1, 2013 garichi saba Amaaraa dhibbaatamaan lakkaawwaman ajjeessuu himeera.

Gareen ‘Saamirii’ jedhamu kun aango’oota naannoo fi milishaan deeggaramuun mana manarra naanno’uun lammiilee nagaa Goraadee, Eeboo fi ulee fayyadamuun ajjeechaa suukaneessa raawwachuu gabaasichu agarsiiseera.

Kanneen miliquuf yaalan ammoo meeshaa waraanaan ajjeesuu himeera.

Ajjeechaan kun iddoolee Ginbii fi Sarraatanyaa safar jedhamutti kana raawwatame ta’uu ibseera.

Garichi baqattoota mooraa tursaa keessa jiranillee ajjeesuu gabaasichi eereera.

Qabeenya barbadeessuus himeera.

Haleellaa koorniyaarratti xiyyeeffate raawwaachuu eereera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.