Fana: At a Speed of Life!

ABUT fi Shaneen nageenya biyyaa balaarra akka hin buufneef murannoon hojjetamaa jira- obbo Dassitaa Leeddaamoo

Finfinnee, Hagayya 10, 2013 (FBC) – ABUT fi Shaneen nageenya biyyaa balaarra akka hin buufneef Mootummaa fi Uummaanni murannoon hojjechaa jiraachuu Preezdaantiin Naannoo Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddaamoon ibsaniiru.
Nageenyi Ityoophiyaa haala duraatti hanga deebi’utti Ummanni Sidaamaa cimee hojjeta jedhan obbo Dassitaan ibsa Gaazeessitootaaf laataniin.
Balaa birmadummaa gareen Shororkeessaa ABUT Ityoophiyaarratti akeekaa jiru ittisuuf tattaaffii taasiifamu Mootummaa fi Ummanni Sidaamaa ummattoota biroo waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Deeggarsi akaakuu fi maallaqaa miiliyoona hedduutti tilmaamamu laatamuu ibsaniiru.
Yeroo ammaa dargaggoonni naannichaa kuma 4 ta’an Raayyaa Ittisaatti makamuun leenjii loltummaa fudhachaa jiraachuu dubbatan obbo Dassitaan.
Hirmaannaan biyyaa kun cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.
Hiriirr deeggarsaa Raayyaa Ittisaa fi balaaleffaannaa garee shororkeessaa ABUT Hagayya 14, 2013 magaalaa Hawaasaatti gaggeessuuf beellamamuu ibsaniiru.
Hawaasni olola sobaa garichi afarsurraa of qosachuun tokkummaa biyyaaf waloon dhaabbachuu akka qabaa waamicha dhiyeessuu isaanii Miidiyaan naannoo Sidamaa gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.