Fana: At a Speed of Life!

ABUT deeggarsi namoomaa naannoo Tigraayiin akka hin qaqqabneef rakkoo uumaa jira- Ambaasaaddar Diinaa

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Gareen Shororkeessaa ABUT deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayii qaqqabsiisuuf tattaafii taasifamaa jiruurratti rakkoo uumaa jiraachuu Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.

Ambaasaaddar Diinaan ibsa torbee magaalaa Goondaritti laataniiru.

Ibsa isaaniitin mootummaan deeggarsaa fi nageenyaaf qophii ta’uu himaniiru.

Kanaan walqabsiisee torbee darbe konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’aan 20 naannoo Tigraayiin galuu yaadachiisuu, mootummaanis deeggarsa kana ariifachiisuuf qophii ta’uu ambaasaaddarichi eeraniiru.

Yaa ta’uu malee ABUT adeemsa dhiyeessii deeggarsichaarratti rakkoo uumaa jiraachuu ibsaniiru.

Rakkoolee dippiloomaasii diinagdee hambisuu fi carraasaa baldhisuuf hojjetamuu kan ibsan dubbi himichi, Israa’eeliitti agarsiisni tuuriziimii gaggeeffamuu himaniiru.

Hinditti Fooramiin daldalaa Afrikaa gaggeeffamuu ibsuun, Ankaaraa fi Sudaaniitti hojiiwwan diinagdee fi dhimmoota biroorratti hojjetamuu ibsaniiru.

Leeykuun Alaamtu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.