Fana: At a Speed of Life!

ABUT dargaggoota of dura hiriirsiisuun haleellaa raawwachuu yoo hin dhaabne raayyaan ittisaa tarkaanfii fudhachuuf dirqama – mootummaa

Finfinnee, Hagayya 21, 2014 (FBC) – ABUT dargaggoota of dura hiriirsiisuun dambalii humnaan haleellaa raawwachuu yoo hin dhaabne raayyaan ittisaa tarkaanfii fudhachuuf kan dirqamu ta’uu mootummaan beeksiise.

Gareen Shororkeessaa ABUT haaluma barameen dambalii magaalaa Qobboon ala dambalii humnaa fayyadamuun kallattii hedduu haleellaa raawwachaa jiraachuu Tajaajilli Komininkeeshinii mootummaa beeksiise.

Gama biroon magaalaa keessatti lootee seentoota galchuun bifa nageenya ummataa balaarra buusuun waraanaa gaggeessuuf haala dandeessisu uumaa jiraachuu tajaajilichi ibsa isaan eereera.

Raayyaan Ittisaa dhumaatii ummataa olaanaa ta’e hambisuuf jecha magaalaa Qobboo gadi lakkisuun gara duubatti deebi’uun iddoolee waraanaa qolachuuf dandeesdissu qabachuuf dirqamuu himeera.

Garichi dargaggoota of dura hiriirsiusuun dambalii ummataan haleellaa raawwachuu yoo hin dhaabne Raayyaan Ittisaa dirqama seeraa, hamilee fi seenaa isaa ba’uuf kan dirqamu ta’uu mootummaan hubachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.