Fana: At a Speed of Life!

Abunee Maatiyaas waliigaltee nageenyaa taasiifameef ergaa gammachuu dabarsan

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015 (FBC) – Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Ityoophiyaa Abunee Maatiyaas waliigaltee nageenyaa Mootummaa fi ABUT gidduutti taasiifame hordofee ergaa gammachuu dabarsaniiru.

Waaqa nageenyaa fi araara buuse galateeffachuun, nagaan dhalachuun,nagaan jiraachuu fi nagaan du’uun waan dhalli namaa fedhu keessaa isa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Nageenyi mi’eessituu jireenyaa fi qabeenya jireenya dhala namaa ta’uu ibsan.

‘Nageenya keenya kabajnee jiraachuun dirqama keenya’ jechuun ibsaniiru.

Kennaa guddaan waaqayyoo nageenya ta’uu eeruun, nageenyi yoo jiraate bu’aa dhamaatii keenyaa dhandhamachuu dandeenya jedhan.

Ityoophiyaan kan hunda keenyaa waan taateef araaricha dhugoomsuu qabna jedhaniiru.

Bu’aa Araaraa argameef qaamolee dhamaatii olaanaa taasiisan hunda galateeffachuu miidiyaan mana amantichaa gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.