Fana: At a Speed of Life!

Abunee Luqaasirratti himanni baname

Finfinnee, Amajjii 16, 2016 (FBC) – Abunee Luqaas tumaalee seera yakkaa bara 1996 bahe keeyyata 247 fi 251 jalatti tumaman darbuun himatamaniiru.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Dhaaddacha 3ffaa Dhimmoota Heera Mootummaa fi Yakkoota Heera Mootummaa irratti himanni kun banamuu ibsameera.

Ministeera Haqaatti Daayrektoreetiin Dhimma Yakka Gurmaa’aa fi Daangaa ce’aa Abunee Luqaasirratti himannaa lama banuu ibseera.

Abunee Luqaas tumaalee Seera Yakkaa Bara 1996 bahe keeyyata 247 fi 258 jalatti tumamanii fi keeyyata 251 fi 258 jalatti tumaman darbuu isaaniin himatamuu ibsameera.

Dabalataan badii humnoonni farreen nageenyaa raawwatan ittisuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf tattaaffii mootummaan taasiisu ummata biratti amantaa akka hin qabaanne kakaasaniiru jechuun himatamaniiru.

Manni murtichaa himatamaan kun Amajjii 27, 2016 akka dhiyaatan ajajeera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.