Fana: At a Speed of Life!

Abuna Maatiyaas vaayrasii koroonaa ittisuuf hawaasni qajeelfama kennamu hojiirra olchuu qaba jedhan

Finfinnee, Bitootessa 7, 2012 (FBC) – Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas vaayrasii koroonaa ittisuuf hawaasni qajeelfama kennamu hojiirra olchuu qaba jedhan.

Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas vaayrasii koroonaa ittisuuf hawaasni qajeelfama Ministeera Fayyaan kennamu hojiirra olchuu qaba jedhaniiru.
Paatriyaarkiichi guyyaa kaleessa vaayrasichi Ityoophiyaatti muul’achuun walqabsisee erga dabarsaniiru.

Paatriyaarkiin Qulqulluu Abuna Maatiyaas ergaa isaaniin, Ityoophiyaatti vaayrasicha ittisuuf uummanni qajeelfama Ministeera Fayyaan darbu hojiirra akka oolchu gaafatniiru.

Yeroo Soomaa kana manneen amantaa Orotodooksii hundi kadhannaa akka raawwataan ajajaniiru.

Ityoophaayatti hanga guyyaa kaleessatti waliigala vaayrasichi namoota 4 irratti kan muul’ate yoo ta’u, namoota tuttuqaa qaban 117 ammoo kutaa adda keessatti qoraannoon taasifaamaafi jiraachuu ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.