Fana: At a Speed of Life!

Abbubakar Naasiriin Kilaba Maameeloodii Sandaawunsi waliin gargara bahe

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2016 (FBC) – Taphatan Sarara fuulduraa Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa Abbubakar Naasiriin Kilaba Afrikaa Kibbaa Maameeloodii Sandaawunsi waliin gargara baheera.

Abbubakar yeroo itti aanu Kilaba Gaanaa tokkoof mallatteessuu akka danda’u eerameera.

Taphatichi sababa miidhama isa mudaten bara dorgommii darbe kana yeroo 3 qofa kilabichaaf hiriiruu himameera.

Yeroo ammaa Kilaba Gaanaa Asaantii Kooqookoo jedhamutti makamuuf yaalirra jiraachuu ‘KICK-OFF Sport’ gabaaseera.

Yaalii waggaa tokkoo booda kilabichaaf mallatteessuu danda’a jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.