Abbootii qabeenyaa eeyyama fudhatanii hojiitti hinseennerratti tarkaanfiin fudhatame
Finfinnee, Onkololeessa 28, 2015 (FBC)- Naannoo Harariitti abboottii qabeenyaa eeyyama invastimantii fudhatanii hojiitti hinseenne 41’rratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Invastimantii, Albuudaa fi Inarjii naannichaa beeksise.
Itti Gaafatamaan biirichaa, Obbo Mahaammad Yaahiyyaa akka ibsanitti, abbootii qabeenyaa 16 irratti uggura eeyyama invastimantii, saddeet ammoo eeyyamni invastimantii isaanii haqamuu dubbataniiru.
Abbootii qabeenyaa 17 ammoo akeekkachiisni jalqabaa kennamuu himaniiru.
Abbootii qabeenyaa eeyyama invastimantii fudhataanii hojiitti seenaniif deeggarsi taasifamuu fi hojiileen hordoffii fuulduratti cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Hojjechuu utuu danda’anii akkasumaan qabiyyee mootummaa qabatanii abbootii qabeenyaa taa’aan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamu cimee akka itti fufu ibsuu isaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.