Fana: At a Speed of Life!

Abbootin amantaa baga ayyaana Du’aa Ka’uutin ittiin isin ga’e jechuun, ergaa of eeggannootis dabarsan

Finfinnee, Eebila 10, 2012 (FBC)- Abbootin amantaa baga ayyaana Du’aa Ka’uu Iyyasuus Kiristoosin ittiin isin ga’e jechuun, ergaa of eeggannootis dabarsaniiru.

Abbootin amantaa hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan baga ayyaana Du’aa Ka’uu Iyyasuus Kiristoosin ittiin isin ga’e jedhan.

Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Abuna Maatiyaas hordoftootan baga ayyaana sooma hiikaa geessan jedhanii, weerara vaayrasii koroonaarraa of eeggannaan taasifamu ammas cimee akka itti fufu imaanaa jedhaniiru.

Siinodoosiin mana amantittii hordoftoonni amantichaa mana ofiitii kadhannaa fi galateeffannaa Waaqaa akka taasisan akkuma murteesse, amma yeroon weerara vaayrasii koroonaa darbutti qajeelfamnii fi kallattiin kaa’ame akka hojiirra oolu dhaamaniiru.

Phaaphaasiin Kaatoliikii Ityoophiyaa Kaardinaal Birhaanayasuus Suraafeel ammoo araaraa fi fayyina fannoo Iyyasuus Kiristoosin arganneen rakkoo fi gadadoo kamuu mo’achuu akka dandeenyu hubachuu qabna jedhaniiru.

Wayita ayyaana kabajnus harka qalleeyyii gargaaruu fi of eeggannoo cimsuun ta’uu qaba jedhaniiru.

Preezdaantiin Gamtaa Waldaalee Warra Wangeelaa Ityoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoon of eeggannoo taasisaa, kallattii fi qajeelfama mootummaa, abbootiin amantaa fi ogeeyyiin fayyaa laatan hojiirra oolchudhaan, dhibicha mo’achuuf garaarraa araara Waaqayyoo gaafachuun murteessadha jedhaniiru.

Preezdaantiin Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yasuusii Luba Yoonaas Yiggazuun ammoo ayyaana yoo kabajnu yaadaa qalbiidhan waliin ta’aa, qaaman walirraa fagaachun barbaachisaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.