Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Poorchugaal misooma Paarkii Indaastirii fi Daldala naannawaa bilisaa Dirre Dhaawwarratti akka hirmaatan gaafatame

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2015 (FBC) – Abbootiin qabeenyaa Poorchugaal misooma Paarkii Indaastirii fi Daldala naannawaa bilisaa Dirre Dhaawwarratti akka hirmaatan Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii waamicha dhiyeesse.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Obbo Akliluu Taaddsaa fi jilli isaaniin durfamu Ambaasaaddara Poorchugaal Luuwiizaa Firaagoosoo waliin mari’ataniiru.

Akkaataa hariiroo Invastimantii, Daldalaa, Diinagdee fi dameewwan biroon biyyoonni lamaan qaban caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru jedhame.

Abbootiin qabeenyaa biyyattii Misooma Paarkii Indaastirii, Daldala naannawaa bilisaa Dirre Dhaawaa fi filannoowwan Invastimantii biroorratti akka hirmaatan Obbo Akliluun waamicha dhiyeessuu ragaan Korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

!#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.