Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Naannoo Ummatoota Kibba-Lixaa Ityoophiyaa qabeenya umamaan badhaadhe akka misoomsan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) – Sagantaan filmaatawwan invastimantii beeksisuu fi galii walitti qabuu Naannoo Ummatoota Kibba-Lixa Ityoophiyaa har’a Finfinnee Hoteela Sharaatanitti gaggeeffama.

Sagantichaan dandeetti misoomuu qabeenya naannichaa beeksisuun abbootii qabeenyaaf carraa invastimantii jiru akeekuu, tajaajlaalee hawaasaa bu’uura ta’an waliin gahuuf hanqina baajataa mudataa jiru furuuf galii walitti qabuun kaayyoo sagantichaa ta’uun eerameera.

Saganticha ilaalchisuun Walitti Qabaa Koree Galii Walitti Qabuu Fi Mana Maree Naanichaatti Itti Waamama Mootummaa Obboo Tsaggaayee Maammoo turti FBC waliintaasisaniin, naannichi qabeenya uumamaa hedduu qabaatus gitaa sanaan hinmisoomne jedhan.

Abbootiin qabeenyaa, naannicha deeggaruun yoo naannichatti hojjetan, hojiilee badhaadhina Ityoophiyaaf sababa ta’an hojjechuu danda’u ibsan.

Yeroo ammaa hanqinni baajataa mudateera kan jedhan Obbo Tsaggaayeen, abbootiin qabeenyaa maallaqa qofaan utuu hintaane naannichatti hojiilee invastimantii garagaraarratti akka hirmaatan gaafataniiru.

Sagantaa har’aa kanarratti michoonnii fi dhalattoonni naannichaa, dhaabbileen misoomaa, embaasiwwanii fi abbootiin qabeenyaa hirmaachuun misoomaa naannicha saffisisuun gahee isaanii akka bahatan gaafataniiru.

Feeveen Bishaawutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.