Abbootiin qabeenyaa misooma indaastiriirratti bobba’an deeggaruuf qophiidha-Obbo Awwaluu Abdii
Finfinnee, Onkololeessa 28, 2016 (FBC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa Abbootii qabeenyaa damee misoomaa indastiriirratti bobba’uu barbaadaniif deeggarsa taasisuuf qophii ta’uu Pireezidaantiin Ittaanaa Naannichaa Obbo Awwaluu Abdiin dubbatan.
Ministira Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal, Obbo Awwaluu abdii dabalatee qondaaltonni biroon magaalaa Shaggaritti Paarkii Indaastirii Sibiilotaa Wudaa daawwataniiru.
Daawwannichaanis rakkoolee indastirichaarratti kan mari’atan yoo ta’u, mootummaan indastiriiwwan akka Wuudaa deeggaruun damichi gahee guddina diinagdee biyyaalessaaf qabaatu dabaluuf sosochii “Itiyoophiyaan haa oomishtu” jedhuun hojjechaa jiraachuu Obbo Malaakuun ibsaniiru.
Rakkoolee indaastiriiwwan maanufaakchariingii mudatan furuufis tarsiimoowwan hedduun qophaa’uun hojjetamaa jiraachuu eeran.
Sochii Indaastirii sibiilotaa Wudaa ilaalchisuun hoggantoota indaastirichaa waliinis marii bal’aan gaggeeffamuu ragaan Ministeera Indaastiriirraa argame ni mul’isa.
Indaastiriin Sibiilotaa Wudaas bakka babal’ifannaaf oolu hektaara 400 gaafateera.
Obbo Awwaluu Abdiin gama isaaniin, mootummaan naannichaa abbootii qabeenyaa damee misooma indaastirii irratti bobba’aniif deeggarsa barbaachisaa taasisuuf qophii ta’uu himanii fedhii lafa babal’ifannaa gaafatames, hojmaata seeraa hordofee deebiin ni kennamaaf jedhaniiru.
Indaastirichi ijaarsa isaa marsaa jalqabaa xumuruun wayita guutummaatti hojiitti galu lammiilee kuma 10 ta’aniif carraa hojii kan uumu ta’uun ibsameera.
Dabalataanis oomishaalee galii Doolaara miiliyoona 400 biyya keessatti oomishamuuf dandeettii qabachuun ibsameera.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.