Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Kooriyaa Kibbaa Itiyoophiyaatti Dameewwan garaagaraarratti bobba’uuf fedhii qabaachuun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 27, 2016 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa Kooriyaa Kibbaa Itiyoophiyaatti dameewwan oomisha huccuuwwanii, sibiilotaa fi bunatti sona dabaluurratti bobba’uuf fedhii qabaachuun ibsame.
Ministirri Ministeeraa Indaastirii Malaakuu Allebal, Itiyoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa gidduu hariiroo jiru daran cimsuuf daawwannaan taasifamaa jiraachuu himan.
Daawwannichi Itiyoophiyaa dhufuun hojiilee invastimantirratti bobba’uuf abboootii qabeenyaa danda’an waliin mariin gaggeeffamuu kaasaniiru.
Hoggantonni Olaanoo Federeeshinii Indaastirii Huccuuwwanii Kooriyaa waliin marii gaggeeffameenis, Itiyoophiyaatti invastimantiif haalli mijataan jiraachuu akka hubatan, abbootiin qabeenyaas akka beekanii fi hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an waamichi dhiyaachuu ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.