Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa kaappitaala Doolaara miiliyoona 49 galmeessisan paarkiiwwan indaastirii keessatti hojii eegaluu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC)- Bara baajataa 2014tti abbootiin qabeenyaa kaappitaala Doolaara miiliyoona 49 galmeessisan paarkiiwwan indaastirii keessatti hojii eegaluu Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii beeksise.

Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa haaraan 9 ka’umsa kaappitaalaa Doolaara miiliyoona 49 galmeessisan dameewwan garaagaraan paarkiiwwan indaastirii keessatti hojii eegaluu hogganaan qajeelcha Maarjkeetiingiifi kominikeeshinii korporeeshinichaa obbo Heenook Asraat eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa kunneen warshaalee huccuufi zayita avookaadoo irratti bobba’uu eeruun, oomishaalee Ityoophiyaan sharafa alaa guddaan alaa galchitu kan biyya keessaan bakka buusuuf paarkiiwwan indaastirii xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara 2015tti haala mijataa paarkiiwwan indaastirii Ityoophiyaa beeksisuun invastimantii harkisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Hanga ammaatti magaalota Ityoophiyaa garaagaraa 13 keessatti paarkiiwwan indaastirii ijaaruun abbootiin qabeenyaa 120 ol seenanii akka hojjetan dandeessifamuu fi kanneen keessaa %85 kan ta’an abbootii qabeenyaa alaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaanis lammiilee kuma 83 oliif carraan hojii banamuu kaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.