Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Jibuutii paarkiiwwan indaastiriitti hojiilee inavstimatiirratti bobba’uuf fedhii qabaaacuu ibsan

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa Jibuutii Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa keessatti hojiilee invastimatiirratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Jilli Bizinasii Pireezidaantii Mana Maree Daldalaa Jibuutii Yesuuf Musaa Dawwaaleehiin durfamu paarkiiwwan indaastirii Qilinxoo fi Boolee Lamii daawwataniiru.

Gareen Jilichaa, hojiilee misooma Paarkiiwwan Indaastirii Boolee Lamii fi Qilinxootti hojjetamaa jiranii fi sochii abbootii qabeenyaa kan daawwatan yoo ta’u, paarkiiwwan indaastirii Ityoophiyaa carraa hojii uumuu, filmaata invastimantii fi onnaachiistuuwwan abbootii qabeenyaaf taasifamu akkasumaas ce’umsa teeknooloojii ilaalchisee ibsi kennameeraafi.

Ittaanaa Hojii Raawwachisaa Damee Oppireeshinii Koorporeeshinii Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa Obbo Shifaarraa Solomoon akka jedhanitti, gareen jilichaa paarkiiwwan indaastirii kana daawwachuun hariiroo daldalaa fi invastimantii biyyoota lameenii cimsuutti dabalataan, abbootiin qabeenyaa biyyatti Naannawaa Daldalaa Walabaa Dirree Dhawaatti galanii hojii invastimantiirratti akka bobba’an kan kakaasu ta’uu ibsaniiru.

Pireezidaantiin Mana Martee Daldalaa Jibuutii Yesuuf Muusaa Dawwaaleehii gama isaaniin paarkiiwwan indaastirii Ityoophiyaatti filmaataa fi onnachiistuu invastimantii jiruun abbootiin qabeenyaa Jibuutii dhufanii hojii nvastimantiirratti akka bobb’an kan jajjabeessu ta’uu eeraniiru.

Kana malees, abbootiin qabeenyaa jibuutii Naannawaa Daldala Walabaa Dirree Dhawaatti akka hojjetan deeggarsaa fi hordoffii ni taasifna jechuu isaanii ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.