Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Hindi Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti akka bobba’aniif hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015(FBC)- Abbootiin qabeenyaa Hindi Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti akka bobba’aniif hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Akililuu Taaddasaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Hindi Shirii Roobart waliin mari’achuu ibsameera.

Abbootiin qabeenyaa Hindi Ppaarkiiwwan indaastirii Ityoophiyaa keessatti hojiilee invastimantiirratti hirmaachuun michummaa biyyoota lameenii waggoota dheeraa lakkoofsise cimsuurra darbee gama carraa hojii uumuun gaheen isaanii olaanaa ta’uu Obbo Akililuun dubbataniiru.

Gara fuula duraatti abbootiin qabeenyaa Hindi hedduun gara Ityoophiyaa dhufuun hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an taasisuuf hojiileen fooyya’iinsaa hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Ambaasaaddar Shirii Roobart gamasaaniin, abbootiin qabeenyaa Hindi Ityoophiyaa bakkeewwan garaagaraatti carraalee invastimantii bal’aa uumuun hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Hirmaannaa abbootiin qabeenyaa biyyattii paarkiiwwan indaastirii Ityoophiyaa keessatti qaban olaanaa ta’uu ibsuun, yeroo ittaanutti abbootiin qabeenyaa dabalataa gara Ityoophiyaa dhufuun hojiilee invastimantiirratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa Hindi hedduun paarkiiwwan indaastirii hedduu keessatti lammiilee hedduuf carraa hojii uumuu ibsuusaanii ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.