Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Giriik Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirraatti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2015 (FBC)- Ittaanaan Komishinaraa Komiishinii Invastimantii Ityoophiyaa Daani’eel Tarreessaa abbootii qabeenyaa Giriik waliin marsariitiin mari’ataniiru.

Marii isaaniin abbootiin qabeenyaa Giriik Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti bobba’uuf haalota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Obbo Daani’eel, hariiroo gamlameenii akkasumas walitti hidhamiinsa invastimantii Ityoophiyaa fi Giriik daran cimsuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Ityoophiyaatti filmaatawwan invastimantii garaagaraarrattis ibsa bal’aa kennaniiru.

Abbootiin qabeenyaa Giriik gama isaaniin, Ityoophiyaatti dameewwan invastimantii garaagaraarratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsuu ragaan komishinicharra argame ni mul’isa.
Maricharratti abbootiin qabeenyaa 30 ol hirmaachuun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.