Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Carraa hojii uumuu fi damee misoomaa cimsuu keessatti qooda isaanii ba’uu qabu jedhame

Finfinnee, Eebila 28, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti abbootiin qabeenyaa Carraa hojii uumuu fi damee misoomaa cimsuun biyya ijaaruu keessatti qooda isaanii ba’uu akka qaban dhamameera.
Godinichatti haala yeroo ilaalchisee abbootii qabeenyaa waliin mari’atameera.
Abbootiin qabeenyaa nageenya eegsisuu fi misooma dachaaan dabaluuf ga’een isaanii olaanaa ta’uu ibsameera.
Bulchaan Godina Arsii Lixaa obbo Ahimad Hajjii, abbootiin qabeenyaa nageenya eegsisuun misoomaa fi diinagdee biyyaa saffisiisuuf shorri isaanii olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Rakkoolee qaala’iinsa gabaa fi shira mallaqaan hawaasa keessatti dalagamu kan adda baasee beeku abbootii qabeenyaa ta’uu kaasaniiru.
Obbo Ahmad barreeffama marii dhiyeessaniin abbootiin qabeenyaa seenaa birmadummaa biyyaa eegsisuuf dalagan eeggachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Carraa hojii uumuu fi damee misoomaa cimsuun biyya ijaaruun qooda abbootii qabeenyaa ta’uu dubbataniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Arsii Lixaa obbo Muhaammad Huseenis, Jijjiirrama aarsaa fi wareegama dhalootaatiin dhufe ni kunuunsina, badhaadhina hunda galeessa ni mirkaneessina jedhaniiru.
Abbootiin qabeenyaa godinichaa gama kamiinuu nageenya naannoo isaanii eeguuf qaamolee nageenyaa bira dhaabbachuuf qophii ta’uu himaniiru.
Jibriil Huseentu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.