Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi alaa 20 ol caalbaasii warshaalee sukkaaraa gara dhuunfatti naannessuuf ba’erratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 25, 2015(FBC)- Abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi alaa 20 ol caalbaasii warshaalee sukkaaraa 8 gara dhuunfatti naannessuuf ba’erratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.

Mootummaan gama Ministeera Maallaqaafi “Ityoophiyaan Invastimanti Hooldiings” baatii Hagayyaa darbe warshaalee sukkaaraa 8 jechuunis; Warshaa Sukkaaraa Oomoo Kurraaz1, Oomoo Kurraaz 2, Oomoo Kurraaz 3, Oomoo Kurraaz 5, Arjoo Dhidheessaa, Kasam, Xaanaa Balasiifi Teendaahoo gara dhuunfaatti naannessuuf irra deebiin caalbaasii baasee irratti abbootiin qabeenyaa dhunfaa fedhii qaban akka hirmaataniif waamicha dhiyeessee turuu ministeerichi yaadachiiseera.

Innisheetiiviin kun qaama caasaa gabaa dorgomaa ta’e uumuufi hirmaannaa abbootii qabeenyaa dhuunfaa damee sukkaaraa keessatti guddisuu ta’uu eerameera.

Caalbaasicharrattii hirmaachuuf abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi alaa 20 ol fedhii isanii agarsiisuu ibsameera.

Yeroo ammaa mootummaan riifoormii imaammataa yaadamerratti invastaroota fedhii qaban irraa duubdeebii fudhachuuf akkasumas gaaffii dhiyeessii piroopoozaalaa adeemsa caalbaasii ibsu baasuuf hojjechaa jiraachuu eerameera.

Mootummaan invastaroota adeemsa dhaabbilee kanneen gara dhuunfaatti naannessuuf ba’erratti hirmaachuuf fedhii isaanii agarsiisan galateeffachuufi hirmaannaan isaanii cimee akka itti fufu gaafachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.