Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin Keenya hin jilbeenfanne, Nutis hin jilbeenfannu- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Jiraattonni magaalaa Finfinnee hundi adeemsa biyyoonni addunyaa birmadummaa Ityoophiyaa sarbuuf taasisan balaaleffachuu akka qaban ibsame.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Finfinnee kan marfamte bosona miidhagaa Inxooxxoo, Ekkaa fi Gullallee waggoota dheeraa lakkoofsisan akkasumas Magaalota obboleewwan Finfinneef Bishaanii fi nyaata dhiyeessaa waliin guddachaa jiraniin ta’uu eeraniiru.

Hiriira guyyaa boruu Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamu irratti hirmaachuun tarkaanfii kabaja Ityoophiyaa sarbuuf taasifamuuf kan hin jilbeeffanee fi gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf gaachana ta’uu keenya ibsuu qabna jedhaniiru.

Ergaawwan Yoomillee Ityoophiyaa hin gannu, abjuu guyyaa diinota isheef dabarsinee ishee kan hin laanne ijoollee goototaa ta’uu keenya, Birmadummaa fi kabaja Ityoophiyaaf tokkummaan waliin dhaabbachuu keenya haa beeksisnu jedhan dabarsaniiru.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.