Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin Gadaa Tuulamaa lammiilee biyyaa alaa lama Oromootti moggaasan

Finfinnee, Adoolessa 17, 2014 (FBC) – Abbootiin Gadaa Tuulamaa lammiilee Chaayinaa lama gosa Ada’aatti guyyaa har’aa moggaasaniiru.

Moggaasaan lammiilee biroo ofitti qabuun Oromoon kan beekkamu yoo ta’u, namoota akka sirna Gadaaatti miseensummaan Oromummaa kennameef kanneeniif maqaan “Hundee” fi “Baalchaa” mogga’eeraafi.

Abbaan Muudaa Tuulamaa lammiilee kanneen moggaafatan, Oromoon sirna Gadaa deebifachuu qofa osoo hintaane, duudhaalee isaallee deebisee dhugoomsaa jira jedhaniiru.

Hundee fi Baalchaanis aadaa Oromoo jaallatanii akka itti makamanii fi sirna Gadaa fi Oromoo ofitti nu simate waliin akka jiraatanis himaniiru.

Aadaa hunda hammataa ta’e kanas carraa argatan hundaan akka beeksisan eeraniiru.

Namoonni gosa Oromoo Ada’atti moggaafaman lameen kunniin Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaatiif Birrii miliyoona lama arjoomaniiru.

Tibbeessoo Dheekkamootu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.