Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Sinqee Tigraayitti lammiilee miidhaaman deeggaruuf Maqalee galan

Finfinnee, Amajjii 5, 2013 (FBC)- Naannoo Tigraayitti duula olaantummaa seeraa kabachiisuutin lammiilee miidhaaman deeggaruuf Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Sinqee magaalaa Maqalee galaniiru.
Abbootin Gadaa fi Haadholiin Sinqee kunneen wayita buufata xiyyaraa Maqalee Aluulaa Abba Naggaa ga’aanitti hojii raawwachiisaa olaanaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Dooktar Muluu Naggaa fi hoggantoota hojii mootummaa naannichaa dabalatee abbootiin amantaa simannaa taasisaniifiru.
Jilichi deeggarsa hawaasa godinalee Oromiyaarraa uummatoota Tigraayiif walitti qabe laatera.
Jiraattoonni magaalaa Maqalees jilichaaf simannaa ho’aa taasisaniiru.
Afawarq Alamuutu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.