Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin amantaalee garaagaraa erga baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC) – Abbootiin amantaalee garaagaraa ayyaana bara haaraa sababeeffachuun erga baga geessanii dabarsaniiru.

Pireezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaan, barri haaraan bara gammachuu, jaalalaa, tokkummaa fi fayyaa akka ta’u hawwaniiru.

Hangafti Phaaphaasii Mana Amantaa Kiristiyaanaa Kaatoolikii Kaardinaal Birihaana Iyyasuus Suraafeer hordoftoonni amantaa wayita ayyaana kana kabajachan lammiilee rakkoo keessa jiran cinaa dhaabbachuun akka kabajan dhaamaniiru.

Barri haaraan bara kan waldhabe itti araaramu, kan dhukkubsate itti fayyu bara araaraa fi badhaadhinaa akka ta’u hawwaniiru.

Pireezidaantiin Gamtaa Manneen Amantaa Kiristiyaanaa Wangeeloota Paasteer Tsaadiquu Abduun gama isaaniin ummata biyyattii maraan baga geessan jedhaniiru.

Pireezidaantiin Manneen Amantaa Kiristiyaanaa Wangeelaa Makaana Iyyasuus Dooktar Yoonaas Yiggazuunis barri haaraan bara dhiifamaa, araaraa, jaalaalaa, tokkummaa fi nageenyaa akka ta’u hawwaniiru.

Abbootiin amantaa kunneen baricha bara walda’uu, jaalaalaa, tokkummaa fi eebbaa akka ta’uu hawwii gaarii hawwaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.