Abbootiin Alangaa fi Poolisiin hojiimaata qindaa’aa cimsuun waliin hojjechuu qabu- Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos
Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC) – Abbootiin Alangaa fi Poolisiin hojiimaata qindaa’aa cimsuun waliin hojjechuu akka qaban Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos ibsan.
Dhaabbileen Abbootii Alangaa fi Poolisii hojiileen dhuunfaa dhuunfaatti hojjetan jiraatus dhimmoota waloorratti qindoominaan hojjechuu akka danda’anitti waltajjii dhaabbii uumuun waliin hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Rakkoolee uumamanirratti gadi fageenyaan mari’achuun kallattii furmaataa kaa’uun sirna bulchiinsa haqaa sadarkaa fooyya’aarra geessisuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.
Waltajjii marichaarratti hoggantoonni Ministeera Haqaa, Komishinii Polisii Federaalaa fi Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee argamaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.