Fana: At a Speed of Life!

Abbootii qabeenyaa Hindii fi Baangiladeesh Ityoophiyaatti hojii misoomarratti bobba’aniif haala yeroorratti ibsi laatame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2013 (FBC) – Abbootii qabeenyaa Hindii fi Baangiladeesh Ityoophiyaatti hojii misoomarratti bobba’aniif duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa jiru ilaalchisee ibsi laatame.

Hinditti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Tizitaa Mulgeetaa abbootii qabeenyaa kanneeniif tarkaanfii fudhatamaa jiru ilaalchisee ibsa taasisaaniiru.

Haleellaa gareen ABUT Onkololeessa 24, 2013 raayyaa ittisa biyyaa Izzii Kaabarratti raawwate hordofee mootummaan naannichatti duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu eegaluu himaniiru.

Dhaabbileen biyyoota kanneenii Ityoophiyaatti misooma Qonnaa, Misooma Abaaboo, oomisha qorichaa, fi uffataakeerratti hedduminaan hirmaachaa jiru.

Hariiroon damee daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaa fi Baangilaadeesh haalan guddachaa kan dhufe yoo ta’u, dhaabbileen Baangilaadeesh misooma damee uffatarratti bal’inaan hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.