Fana: At a Speed of Life!

Abbootii murteerratti tarkaanfiin naamusaa fudhatame

Finfinnee, Hagayya 14, 2014(FBC)- Yaa’iin Bulchiinsa Abbootii Murtee Federaalaa abbootii murtee naamusa cabsan lama irratti tarkaanfiin naamusaa fudhatamuu ibse.

Yaa’iin Bulchiinsaa Abbootii Murtee Federaalaa har’a walga’ii ariifachiisaa gaggeesseera.

Walga’ichaan Abbaa Murtee Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa Obbo Faantaahuun Dallalawu hojii abbaa murtummaarraa akka gaggeeffaman murteesseera.

Gama biraatiin, Abbaa Murtee Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa tokko irratti miindaa baatiiwwan shanii akka adabamuu murtaa’uun eerameera.

Hojii abbaa murtummarraa kan gaggeeffaaman Faantaahuun Dallalawu, haadha dhimmaa Aaddee Saajiddaa Zakkaariyyaa jedhaman irraa matta’aa Birrii kuma 100 fudhachuu fi haadha dhimmaa waliin walarguun dhimma isaaniirratti mari’achuun, qajeelfama walabummaa fi haqummaa gochaa faallessu raawwachuun dambii naamusaa cabsuu ragaan kan mirkanaa’ee ta’uu eerameera.

Ittigaafatama abbaa murtummaarraa gaggeeffamuu qabu jechuun himata bu’uuraa naamusa abbootii murtee dambii lakkoofsa 3/2014 keeyyata 34(3)tiin yaa’ichi sagalee guutuun murteesseera.

Murtichi bu’uura heeraa mootummaa keeyyata 79 keeyyata xiqqaa 4/c’n Mana Marii Bakka Bu’ootaa Ummataaf dhiyaatee wayita ragga’uu hojiirra kan oolu ta’uu ibsameera.

Kanumaan walqabatee abbaa murtee maqaan hin eeramnee biroorratti yaa’ichi miindaa baatii shanii akka adabamu murteesseera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.