Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taaytichaa baatiwwan 6 keessaatti galii Birrii miiliyoona dhibba 6 ol walitti qabe

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC)-Abbaan Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’oo magaalaa Finfinnee baatiwwan 6 keessaatti galii Birrii miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 22 walitti qabu beeksiseera.
Galiin walitti qabamees kaffaltii tajaajila bishaanii akkasumaas galiiwwan adda addaarra ta’uu beekameera.
Abbaa taaytichaatti itti gaafatamaan qorannoo karooraa fi baajataa obbo Baalamlaay Baahruu abbaan taayitichaa bara baajatichaan baatiwwan 6tti Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 98 walitti qabuuf karoorsee karoorasaa %78 galmaan ga’eera jedhan.
Raawwichi karooraan gadi ta’uus, kan bara darbee yeroo walfakkataan wal bira qabamee yoo ilaallamu Birrii miiliyoona 13 calmaa qaba jedhameera.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.