Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitichaa Televiizhinii Abbaayiif akeekkachiisa dhumaa kenne

Finfinnee, Mudde 29, 2016 (FBC)- Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Televiizyiniin Abbaayi sagantaa aadaa fi duudhaa gaarii hawaasaa yaadota hinkabajne tamsaaseera jedhuun akeekkachiisa dhumaa kennu beeksise.

Abbaan Taayiticha xalayaa akeekkachisa dhumaa dhaabbatichaf barreesseen, Televiizhiniin Abbaay Mudde 28, 2016 Sagantaa ”Waashewu Indee?” jedhuun namuusa, mirgaa fi kabajaa shamarranii akkasumas Aadaa fi duudhaa hawaasaa kan hinkabajne tamsaasuu ibseera.

Sagantaan tamsaafame kunis wixinee labsii Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa 1238/2013 keeyyata 68/2 daambiiwwan A, B, C fi D jala jiraan kan cabse ta’uu akeekeera.

Haaluma kanaan, buufannii Televizhinicha irraa deddeebiin qophiilee dudhaalee, nageenya hawaasa diigan wayita tamsaasu Abbaan Taayitichaa rakkicha furuuf qaamoolee dhimmi ilalaatuu waliin marii bal’aa taasisuus, dhaabbatichi gocha isaarraa of qusachuu fi sirrachuu akka hindandeenye eereera.

Buufatichi seera walfakkaataa kan cabsu, ittigaafatamummaa hinqabne, naamusaafi nageenya dhala namaa balaarraa buusuu tamasaasuurraa akka of qusatuuf akeekkachiisni dhumaa akka kenname ibsa baaseen akeekeera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.