Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitichaa tajaajila Baankii Invastimantii hojii eegalchiise

Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Abbaan Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaa yeroo Jalqabaaf tajaajila Baankii Invastimantii hojii eegalchiisuu beeksiseera.

Waldaan Aksiyoona Kaappitaalaa CBE fi Waldaan Aksiyoonaa Baankii Invastimantii Kaappitaalaa Wagaagan immoo yeroo jalqabaaf Baankii Invastimantii akka eegalaniif eeyyamni kennamuufiin ibsameera.

Gabaan Kaappitaalaa guddachuun badhaadhinaa fi guddina diingadee biyyaaf bu’uura ta’uu Bulchaan Baankii Biyyaaleesaa fi Walitti Qabaan Boordii Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Maammoo Mihiratuun ibsaniiru.

Damichaan keessattuu rakkoo faayinaansii indaastiriwwan oomishaa qaban furuuf dandeettii kan uumuu ta’uus dubbataniiru.

Gabaan Kaappitaalaa rakkoo indaastirii qofaa osoo hin taanee rakkoo baajataa mootummaan qabus furuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Dabalatanis Dhaabbiilee Misooma Mootummaa gara dhuunfaatti jijjiruuf adeemsa deemamu keessatti tilmaama baasuurraa eegalee hawaasni abbaa qabeenyaa akka ta’uuf gumaacha olaanaa qabaachuus kaasaniiru.

Daayirektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Haannaa Taahilquu gamasaaniin, dhaabbiileen tajaajila gabaa haaraa kun gara gabaatti dhufuun Itiyoophiyaa keessatti tajaajilli damee hedduu cimaa ta’ee akka umamu dandessisa jedhan.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.