Fana: At a Speed of Life!

Abbaan taayitichaa kurmaana darbetti bu’uraalee misoomaa garaagaraa Kiiloo Meetira 68f hojii suphaa gaggeesse

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) –Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii magaalaa Finfinnee kurmaan darbetti bu’uraalee misoomaa garaagaraa Kiiloo Meetira 68f hojii suphaa raawwachuu beeksiseera.
 
Abbaan taayitichaa baatiiwwan sadan darbanii daandii Aspaaltii Km 5, boo’ii lolaa Km 54, daandii cirrachaa Km 7, daandii lafoo Km 2 fi utubaa ibsaa kuma 3 fi 412f hojii suphaa raawwachuu beeksiseera.
 
Dabalataan riqichootaa fi dallaawwan ittisa daandiif hojii suphaa gaggeessuu ragaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
Yeroo itti aanus bu’uraalee misoomaa sababa garaagaraan miidhaman suphuuf hojjetamaa jiraachuu himameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.