Fana: At a Speed of Life!

Abbaan taayitichaa hojii ragaalee barnootaa sobaa adda baasuu gaggeessaa jiraachuun ibse

Finfinnee, Hagayya 24, 2015 (FBC)- Ragaalee barnootaa sobaa addaa baasuu fi hojiin mirkaneessuu gaggeeffamaa jiraachuu Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa beeksise.

Dursaan Hoji Gaggeessaa Bulchiinsa fi Tajaajila Ragaalee Barnootaa Dijitaalaa tajaajilichaa Dassaalawu Taaffasaa akka ibsanitti, gochaaleen ragaalee barnootaa sobaa tajaajiloota garaagaraaf oolchuu babal’achaa jira.

Kana hordofees tajaajilichi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojii addaa baasuu fi mirkaneessuu gaggeessaa jiraachuu kaasaniiru.

Bara baajataa xumurames tajaajilichi dhaabbilee 91’rraa ragaalee barnootaa dhufan kuma 4 fi 413 hojii addaa adda baasuu gaggeessuu ibsan.

Ragaalee adda baafaman keessaa qabxii jijjiiruu, ragaa barnootaa hinbaranne qabaachuu fi ragaaleen sobaa argamuu eeraniiru.

Sanadoota sobaa dhabamsiisuu fi hojii irraa ugguruu, akkasumas tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatamuu Obbo Daasaalawu FBC’tti himaniiru.

Fuuldurattis rakkocha ittisuuf dhaabbilee barnoota olaanoo fi dhaabbilee biroo waliin ta’un ragaalee sirriin kuusuuf appilikeeshiniin oonlaayinii kalaqamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Dhaabbileenis hojjettoota wayita miindessan, guddina sadarkaa kennanii fi dhimmoota biroorratti hojii ragaalee barnootaa adda baasuu gaggeessuu akka qaban akeekaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.