Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitichaa haala ramaddii sa’aa qilleensaa ilaalchisuun boordii filannoo biyyaalessaa waliin marii’ate

Finfinnee, Bitootessa 10, 2013 (FBC) – Galmeen kaadhimamaa xumuruun walqabatee haala ramaddii sa’aa qilleensaa ilaalchisuun Abbaan Taayitaa Biroodkaasti Ityoophiyaa boordii filannoo biyyaalessaa waliin marii’ate.
Marichaan abbaan taayitichaa hojiiwwan awutomeeshinii ramaddichaa akkasumaas adeemsa hafanirratti boordiif dhiyeesseera.
Walitti qabduun boordii filannoo biyyaalessaa aadde Burtukaan Miidhagsaa sooftiwaarii carraa ramaddii baasuu kan gamaaggaman yoo tahu, hojiichi ariitiin akka xumuramuuf odeeffannoowwan barbaachisaan dhiyeenyatti qindaa’uun abbaa taayitichaaf akka ergan ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.