Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitichaa Daandii qilleensichaa amanamaa fi filatamaa taasisuuf ga’ee isaa ba’achuu qaba jedhame

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC) – Abbaan Taayitaa Siiviil Aveeyishinii Ityoophiyaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa amanamaa fi filatamaa taasisuuf ga’ee isaa ba’achuu akka qabu ibsameera.

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti koreen dhaabbii dhimmoota bu’uuraalee misoomaa magaalaa fi geejjibaa wayita Abbaa Taayitaa Aveeyishinii Ityoophiyaa daawwatetti Abbaan Taayitichaa daandii qilleensichaa amanamaa fi filatamaa taasisuuf ga’ee isaa ba’achuu akka qabu ibseera.

Walitti qabduun korichaa aadde Shawiit Shaankaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa amanamaa fi filatamaa taasisuuf Abbaan Taayitichaa dandeettii qabaachuu kaasuun dhaabbatichi dhaabbata cimaa ta’ee itti fufuutu irraa eegama jedhan.

Daayrektarri olaanaan abbaa taayitichaa obbo Geetaachaw Mangistee gamasaaniin, buufataaleen xiyyaaraa ijaaraman sadarkaa idil addunyaa kan eegan ta’uu akka qabanii fi Maastar pilaanii buufata xiyyaara qopheessuun kan barbaachisu ta’uu himaniiru.

Ityoophiyaan geejjiba xiyyaaraa siiviilii ijaaruuf dandeettii qabaachuu himuun nageenya aveeyshinii sadarkaa idil addunyaa guutuu fi sadarkaa fooyya’aarra ga’uuf hojiilee eegalamaniif xiyyeeffannoo kennuun gara hojiitti seenuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Naannoo qilleensa Ityoophiyaa ga’umsaan hogganuu fi nageenyii fi to’annoon aveeyishinii amanamaa akka ta’uuf hojiimaata ifa ta’e diriirsuun barbaachisaa ta’uu korichi dhaameera.

Abbaan Taayitichaa gama indaastirii aveeyishinii babal’isuus ta’e abbootii qabeenyaa dhuunfaa damicharratti hirmaachisuurratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu korichi yaadachiisuu ragaan Mana Marichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.