Abbaan Taayitichaa bara barnootaa dhufutti qajeelfamaan ala daballii gatii taasisuun kan hin danda’amne ta’uu hubachiise
Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Abbaan Taayitaa To’annoo Qulqullina Barnootaa fi Leenjii Magaalaa Finfinnee bara barnootaa 2015tti manneen barnootaa qajeelfamaan ala daballii gatii taasisuun kan hin dandeenye ta’uu hubachiiseera.
Ittaantuun Hojii Gaggeessituu abbaa taayitichaa aadde Fiqirtee Abarraan, manneen barnootaa dhuunfaa qajeelfamaan ala daballii gatii taasisan irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.
Qajeelfachi manneen barnootaa bara barnootaa 2014tti daballii gatii taasisan bara 2015tti daballii akka hin taasisne kan dhorku ta’uu ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.