Fana: At a Speed of Life!

Abbaan taayitichaa baatiwwan arfan darbanitti daandiiwwan garagaraa Kiiloo Meetira 245 supheera

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC) – Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii magaalaa Finfinnee baatiwwan arfan darbanitti daandiiwwan garagaraa Kiiloo Meetira 245f hojii suphaa raawwachuu beeksiseera.
Abbaan Taayitichaa baatiwwan arfan darbanitti daandii Aspaaltii Kiiloo Meetira 13, daandii cirrachaa Kiiloo Meetira 9, daandii miilaa fi karvii dhagaa Kiiloo Meetira 3 fi boo’ii lolaa fi sararootaa garagaraa Kiiloo Meetira 220f hojii suphaa gaggeessuu ifoomseera.
Dabalataan utubaawwan ibsaa daandiirraa 889f suphaan taasiifamuu himameera.
Ampooliiwwan 220 haaraan jijjiirramuu fi dallaawwan ittisa lafa deemtootaaf hojiin supha gaggeeffamuu eerrameera.
Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii magaalaa Finfinnee bara baajataa 2013 daandiiwwan Aspaaltii fi kanneen biroo sababoota garagaraan miidhaman Kiiloo Meetira 525f hojii suphaa gaggeessuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu ragaan Abbaa taayitichaarraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.