Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitaa Siivili Aviyeeshinii Ityoophiyaa leenjii diriirsa sarara geejjibaa qilleensaa kennuu eegaleera

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (FBC) – Abbaan Taayitaa Siivili Aviyeeshinii Ityoophiyaa leenjii diriirsa sarara geejjibaa qilleensaa kennuu eegaleera.

 

Daayreekatarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Siivili Aviyeeshinii Ityoophiyaa koloneel Wasanyaalah Hunenyaw Afrikaa irraa humna namaa mataa keenyaa kan leenjisaan, dhaabbanni Siivili Aviyeeshinii jiraachuu dhabuu kaasuun, oggeesoota gaanfa Afrikaa biyya alaati fiduun leenjii kennaa akka turan ibseera.

 

Daayrektarichi waajjirichi dhaabbata Siivili Aviyeeshinii idil addunyaa waliin ta’uun leenjicha biyyoota Afrikaa biroof akka laatu eeyyama argachuuf ni yaala jedheera.

 

Kanaan cinaatti leenjiwwaan kanaan dura biyyoota alaantiin kennamaa ture, biyya keessaatti fiduuf carraqaa jiraachuu himeera.

 

Abbaan Taayitichaa bara 1994 eegalee waajjiirri abbaa taayitichaa leenjii fi giddugala isaa gara akkaadamiiti guddisuuf qophii taasisaa jiraachuu ibseera.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.