Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Ityoophiyaa karoora baatii 9 gamaaggame

Finfinnee, Caamsaa 3, 2012 (FBC) – Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Ityoophiyaa bara baajataa 2012 baatii 9tti karoorasaa %70 milkeessuu beeksise.
 
Abbaan taayitichaa raawwii hojiisaa baatii 9 viidiyoo koonfaransiin gamaaggameera.
 
Raawwii hojii idilee, fooyyessa, suphaa, hojiilee jijjiirraa, milkaa’inaa fi hanqinoota mudatan gamaaggameera.
 
Sadarkaa daandii jajjaboo fooyyessuun cimsuun kiilo meetirri 77, fooyyessii fi ijaarsi daandii qunnamsiistuu akkasumas suphaa cimaan kiilo meetirri 1,183 hojjetameera.
 
Suphaan yeroo kiilo meetirri 377, suphaan idileen kiilo meetirri 6,519 raawwatamuu; waliigalaan daandii kiilo meetirri 8,156 hojjetamuun eerameera.
 
Daayreektarri olaanaan abbaa taayitichaa Injiinar Haabtaamuu Tagany akka beeksisanitti raawwichi %70 ta’uu agarsiisa.
 
Ijaarsa daandii 15f waliigalteen mallatteeffamuus ibsaniiru.
 
Bittaa proojaktoota 42 hojjechuu fi proojaktoota 26 ammoo bittaatti galchuuf hojjetama ajira jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.