Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa Gorsitoota kontiraaktarootaa fi qooda fudhattoota isaa waliin marii’ate

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Waltajjii gamaaggama raawwii hojii bara 2012 fi karoora hojii bara2013 irratti Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa Gorsitoota kontiraaktarootaa fi qooda fudhattoota isaa waliin marii’ate.

Daayrektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa Injiinar Dajanee Fiqaaduu waltajjii marichaa irratti haasaa taasisaniin Daandiin misoomaa fi guddina biyyaaf bu’uura ta’uu ibsaniiru.

Waltajjicha irratti Projaktoonni bara 2012 sirnaan hojjetaman muuxannoon irraa fudhatamuun bara 2013f galtee ta’uun ittiin hojjechuuf kan karoorfame ta’uu eeraniiru.

Projaktoota hin xumuramne rakkoo isaanii adda baasuun yeroo gabaabaa keessatti xumuramanii hawaasaaf tajaajila kennuun hawaasni akka itti fayyadamu taasisuuf gaheen kontraaktarootaafi gorsitootaa guddaa ta’uu himaniiru.

Mootummaatiinis deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaa ta’e kan taasifamaa tureefi ammas taanaan kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Akka Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa beeksisetti, Projaktoota Ijaarsa daandiiwwan cirrachaa fi riqaa bara 2012tti Baasii qusachuun qulqullina, isaanii eeguun yeroo kaa’ame keessatti xumuramuun waadaa walii galtee kaa’ame keessatti eegaluun kan hojiitti hiikaniif sirni beekkamtii kennuus kan raawwatamu ta’uu Daayraktarichi ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.