Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Taayitaa Broodkaastii buufatalee Raadiyoo sadiif eeyyama laate

Finfinnee,Waxabajjii 16, 2012 (FBC) –  Abbaan Taayitaa Broodkaastii buufatalee Raadiyoo sadiif eeyyama laate.

 

Abbaan Taayitaa Broodkaastii Ityoophiyaa buufatalee Raadiyoo sadiif eeyyama laateera.

 

Buufataleen Raadiyoo eeyyama argatan kunneen Maltii Miidiyaa fi Kominikeeshinii Ityoo Waarkaa, Tireediingii Tirritaa waldaa dhuunfaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’ee fi Miidiyaa fi hojiiwwan bichisiisaa onlaayinii Addis waldaa dhuunfaa itti gaafatamummaan isaa murtaa’ee ta’uu ibsameera.

 

Daayreekatarri Olaanaan Abbaan Taayitaa Broodkaastii Ityoophiyaa Dooktar Geetaachaw Dinquu biyyattiitti midiyaalee yaadootaa fi ilaalcha garagaraa qaban akka hedduman ni barbaadama jedhan.

 

Kanaanis haawasni kallattii barbaaden odeeffannoo fi barnoota argachuu akka danda’u himaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.